DHIMMWF 219931 gaafa Ebila 28, 2014 oole irratti ''Hadaraa Maallaqa Doolaraa Nama bira waliigaltee Afaaniin kaayame'' deebisanii gaafachuu ilaalchise murtii dirqisiisaa kanneera.
DHIMMWF 219931 Dhaddacha Ebila 28, 2014 oole irratti ''Hadaraa Maallaqa Doolaraa Nama bira waliigaltee Afaaniin kaayame'' deebisanii gaafachuu ilaalchise murtii dirqisiisaa kanneera.
=======================
Dubbiin akkana! Deebi kennaan himanna bu'ura waliigaltee imaanaa afaaniin iyyataa ammaa waliin gaafa 22/12/2012 taasiseen maallaqa doollara Ameerikaa 225,000 kan bira kaayee ture fi kana keessa Doolara 126,000 akkaataa waliigalteen waan naaf deebisuu dhabeef akka naaf deebisuu jechuun M/Murtii Olaana Federalaatti himate.
=======================
Manni Murtichaas dhimmicha ilaale himannaan dhiyaate sababa himannoo hin qabu jechuun murteesse. Manni murti Waliigala immoo dhimmichi bu'ura SHH kwt-1716(1)tiin seeraan ala akka hin taane murteessuudhaan, dhimmicha haadhoo irratti akka murteessuuf MMOtii deebiseera.
=======================
Ijoo kan tahees waliigaltee maallaqa biyya alaa baay’ee Itoophiyaa keessa galchuuf kun waliigaltee seeraan alaa ta’uu fi manneen murtii waliigaltee akkasii raawwachiisuuf aangoo qabaachuu fi dhiisuu isaati.
=======================
DHIMMWF dhimma sababa himannoo qabaachuu markanaa'u qaba. Dhimma mana murtiin murtaa'uu danda'u ta'uu fi ulaagaalee dirqamaa waliigaltee tokkoof barbaachisan guutuu isaa mirkaneeffachuun dirqama mana murtiiti. Bu’uurri himannichaa uumamaan seeraan ala waan ta’ee fi seeraan hojiirra oolchuu kan hin danda'amne yoo ta’e sababa himannaa hin qabu jechuun murtii kanneera. Waliigaltee seeraan alaa raawwachiisuuf himannaa dhiyaate bu'ureeffachuun murtii kannuun dogoggora seeraa bu’uuraati.
=======================
Dhaddachi akka sababaatti kaase, ulaagaa fi kaayyoo SHH kwt-1678(b) waliigalteen tokko kaayyoo fi dhimma seera qabeessa ta’e irratti hundaa’uu qaba. Gochi maallaqa biyya alaa (doolaara) hadaraan kaayuu bu’uura seera yakkaa kwt- 346tiin gocha yakkaati. Kana malees, hanga maallaqa biyya alaa himannicha keessatti ibsame qabachuun Labsii Baankii Biyyaalessaa 591/2000 kwt- 26 kan cabsu dha. Addatti Qajeelfama Baankii Biyyaalessaa Lakk FXD 49/2017tiin kan daangeffame dha.
=======================
DHIMMWF Murtii kana yeroo kannu murtii dirqisiisaa mataa isaa lakk galmee 27739 tahe irratti kanne ture irrattis himannaan waliigaltee seeraan alaa raawwachiisuuf dhiyaatu kamiyyuu sababa himannaa kan hin qabnedha jechuun Murtii MMW diiguun Murtii MMO cimsuun murteessera.
====================

Comments