top of page

DHIMMWF Lakk galmee 119851 tahe irratti murtii dirqisiisaa Abbootiin seeraa 7n gaafa 26/07/2011:dhimma yeroo kam MSD irrratti jala murtii kannamee irraa yeroo oliyyannoo...

Oct 22, 2025
1 min read

DHIMMWF Lakk galmee 119851 tahe irratti murtii dirqisiisaa Abbootiin seeraa 7 irratti muudaman gaafa 26/07/2011 kanneen dhimma yeroo kam MSD irrratti jala murtii kannamee irraa oliyyannoon ykn iyyannoon ijibbaataa yeroo kam dhiyaachuu akka qabuun walqabatee murtiiwwan dirqisiisaa duraan kannaman kan jijjireedha.

====================

Kunis murtii mormii sadarkaa duraa irratti M/Murtii Ol’iyyannoo dhagahuun kennamu irraa gareen komii qabu eega dhimmichi qajeelfamaan M/Murtii sadarkaa jalqabaatti deebi’uun ijoo haadhoo irratti murtiin dhumaa kenname booda bakka tokkotti komii isaa Mana Murtii ol’iyyannoo dhagahutti ykn Dhaddacha Ijibbaataa ilaalutti dhiyeeffachuu akka danda’uu fi otuu dhimmichi ijoo bu’uraa irratti murtii dhumaa hinargatin murtii mormii sadarkaa duraa irratti kenname irraa battalumatti ol’iyyachuuf kan hindirqamne akka ta’e kallattiin hiikkoo seeraa dirqisiisaa laateers.

====================

Murtiin kun hiikkoo duraan dhaddachi Ijibbaataa galmeewwa lakk-90810, 76963, 125165 fi kan biroo ta’an irratti kennee tureen jijjiireera. Kunis duraan mormii sadarkaa duraa irratti murtii mana murtii ol’iyyata dhaga’uun kennamu mormuudhaan iyyanni dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu kan qabu guyyaa murtichi kenname irraa kaasee daangaa yeroo iyyanna dhaddacha ijibbaataatti dhiyeeffachuuf kaa’ame keessatti ta’uu akka qabu murteesseera ture.

==================

Haala kanaan duraan murtii firii dubbii irratti kennamu eeguudhaan oliyyanni ykn iyyannoon ijibbaataa bakka tokkotti dhiyaatu bu’uura seeraa hin qabu jechuun kannee ture jijjiireera. Murtii ammaa kanaan garuu eega ijoo bu’uraa irratti gad-deebi’uun murtiin dhumaa kenname booda komiin bakka tokkotti dhiyaachuu akka qabu murteesseera. ===================

 
 
 

Recent Posts

See All
የኢትዮጵያ የፍትሐ ብሔር ሕግ አንቀጽ 2084 (የተሽከርካሪዎች ግጭት) የሕግ አተገባበር የአንቀጽ 2084 አጠቃላይ ይዘት

አንቀጽ 2084 ሁለት የሞተር ተሽከርካሪዎች እርስ በእርስ በሚጋጩበት ጊዜ የሚኖረውን የፍትሐ ብሔር ኃላፊነትና የጉዳት ክፍፍል የሚደነግግ ልዩ ድንጋጌ ነው። ድንጋጌው የተሽከርካሪ ባለቤቶች ባላቸው ጥብቅ ኃላፊነት (strict liability) እና በአሽከርካሪዎች ጥፋት (fault) መካከል ያለውን ሚዛን ይጠብቃል። 1

 
 
 
Employment relationship

Decision No. 278483 (Tir 28, 2018 E.C.) Theme of the Dispute The dispute concerns whether an employer-employee contractual relationship existed between the applicant (Physical Risk Solution PLC) and t

 
 
 
ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔዎች በወንጀል ጉዳይ ሰቶ የነበረው ላይ የተደረገ ዝርዝር የሕግ ትንተና

1. የሰበር መዝገብ ቁጥር 72304 (የውሳኔ ቀን፡ ሰኔ 18 ቀን 2004 ዓ.ም.) የክርክር ርዕሰ ጉዳይ ጉዳዩ *በአንድ የወንጀል ድርጊት ሁለት ጊዜ የመከሰስና የመቀጣትን** (የድጋሚ ቅጣት ክልከላ) ሕጋዊነትን እንዲሁም ለዚህ መሠረታዊ መብት መተግበር መሟላት ያለባቸውን ሕጋዊ መስፈርቶች የሚመለከት ነው። ### አጭ

 
 
 

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page