top of page

Murtilee Dirqisiiso DHIMMWF.

Jan 3
4 min read
  1. Dhaddacha Ijibbaataa Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208865 ta'e dhaddacha guyyaa 28/6/2014 ooleen "namni qabiyyee Lafaa iddoo Mana jireenya Waldaatiif kennamu argachuuf qophaa'ee osoo jiru hojiif iddoo biraa yoo jijjiirame,iddoo Lafa Mana jireenyaa hin argatu jechuun kan hin danda'amne ta'uu" hiikoo kennee ture.

  2. DHaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 232474 ta'e DHaddacha Caamsaa 29,bara 2015 ooleen "mirga abbaa qabeenyummaa gar-malee fayyadamu ilaalchisee; abbaan qabeenyaa tokko mirga isaatti yommuu fayyadamu gochoota m𝗶𝗿𝗴𝗮 i𝘁𝘁𝗶 f𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗮 q𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 n𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼(ollaa isaa) miidhuu malan(n𝘂𝗶𝘀𝗮𝗻𝗰𝗲) kamiyyuu irraa of qusachuu akka qabu; qamni dhuunfaa yokiin dhaabbani tokko eeyyama daldalaa baafachuun hojii hojjataa hojjiiwwan isaanii kun ollaa yokiin jiraatoota naannoo irratti faalama keemikaalaa yookiin faalama sagalee yoo fidan himannaa dhiyeeffachuun beenyaa gaafachuun akka danda'amu" hiikoo kennee ture.

  3. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 184647 ta'e irratti "qabiyyee Lafa baadiyaa irratti Mana ijaarame yoo ta'eyyuu qabiyyee Lafa baadiyyaa irratti qabeenya hin sochoone horate qabeenya dhuunfaa waan ta'eef manicha gurguruun kan hin dhorkamnee fi gurgurtaanis seeraan ala kan hin jechisiifne ta'uu" Murtii kennee ture.

  4. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 179827 ta'een "namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u" jechuun Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Amaaraa Lakk.252/2009 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

  5. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 217195 ta'e irratti dhaddacha Caamsaa 30,bara 2014 ooleen qabiyyee Lafaa ilaalchisee qaamni Bulchiinsaa osoo Lafa bakka bu'iinsaa hin kennin beenyaa osoo hin kanfalin,Lafa baadiyaa abbaa qabiyyee irraa fuudhee nama biraatiif yoo kenne,Manni Murtii Aanaa himannaa abbaan qabiyyee Lafti bakka bu'iinsaa fi beenyaan akka kennamuuf dhiyeessu ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo akka qabu" hiikoo kennuun murteesseera.

  6. Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu. Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba. Kanaaf, himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.

  7. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaaa Federaalaa lakk Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u, gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha. Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.Bu'uuruma kanaan abbaan qabiyyee qabeenya isaarratti jeequmsi uumame qabeenyi isaaf akka deebi'uuf yookiin jeequmsi ka'e irraa dhoorkamee akka dhaabbatuu fi gocha jeequmsaan miidhaa gaheef beenyaan akka kafalamuuf darbiinsa yeroo seeraan kaa'ame keessatti gaafachuu akka danda'uu fi abbootiin seeraa gochoonni kunneen raawwatamuu erga mirkaneeffatanii booda jeequmsi akka dhaabbatuu fi barbaachisaa ta'ee yoo argame beenyaan akka kanfalamu murteessuu akka danda'an tumaa waliigalaa SHH kwt 1149 irraa hubachuun ni danda'ama" jechuun hiikoo kennee ture.

  8. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaaa Federaalaa lakk Galmee 201235 ta'e irratti "seerummaa jeequmsi qabiyyee kiyya irratti uumame narraa haa dhaabatu jedhamee gaafatame, waliigaltee gurgurtaa qabiyyeef ka'umsa ta'e ykn waliigaltee biraa akka diigamu jedhamee seerummaa gaafatame bakka hin jirretti, waliigalteen diigamee bitaa mirgi bakka duraan turanitti haa deebi'an jedhamee murtiin kennamuu hin qabu; akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1140 fi 1149 tiin jeequmsi qabiyyee nama tokko irratti uumame kan jedhamu qabiyyee tasgabbaa'aa hayyama (fedhii) abbaa qabiyyee malee gocha humnaan qabeenya abbaa qabiyyee irratti raawwatamu kan akka hin fayyadamne daangeessuu ykn gidduu lixuu fi buqqisuu ykn fudhachuu (dispossession) akka ta'e ni hubatama. Seerummaa jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhamee gaafatame jeequmsi jiraachuu yoo mirkanaa'e, bu'uura shh keewwata 1149(3) tiin jeequmsi akka dhaabatu ajajama" jechuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture.

  9. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 213835 ta'e dhaddacha guyyaa 27/07/2014 ooleen "kanfaltii Cheekii raawwachuu waliin wal qabatee,Baankiin mallattoo Cheekii irra jiru ijaan ilaalee mallattoo naamunaa siistema keessa jiru waliin gosa tokko ta'uu mirkaneessee kan kanfale ta'uu yoo mirkanaa'e;kanfaltiin kan raawwatame nama kanfalamuu hin qabneef yoo ta'es yookiin mallattoo fakkeeffamee dhiyaate bu'uura godhachuun ta'uu yoo mirkanaa'es itti gaafatamummaa hin qabu. Mallattoon Cheekii irratti mallattaa'e dhuguma mallattoo naamunaa waliin tokko ta'uu fi ta'uu dhabuu dhimmicha irratti Murtii kennuuf ijoo ragaan mirkanaa'uu qabuudha.Kana mirkaneessuuf dhiyaate Cheekii mataa isaa kaffaltiin ittiin raawwatame yoo ta'u,mallattoo Cheekii irra jiru mallattoo naamunaa waliin kan wal fakkaatu ta'uu fi ta'uu dhabuu qaama bilisa ta'een ilaalamee kan mirkanaa'u malee Manni Murtii ofii ilaalee tilmaama kan fudhatu miti" jechuun hiikoo kennee ture.

  10. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun (bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate, waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef, bu'aa seeraa hin qabaatu. Kanaaf, bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture. (Murtii haaraadha).

  11. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 225080 ta'e irratti dhaddacha muddee 25 bara 2015 ooleen "namni qabeenya hin sochoone kireesse,turtii yeroo waliigaltee kiraa dhumeera qabeenyicha naaf naa deebisu jechuun mirga isaa gaafachuu kan danda'u (himannaa dhiheessee qabeenyicha gadi lakkisiifatee harkaan gahachuu kan danda'u),yeroon turtii kiraa erga xumurame irraa kaasee kan lakkaa'amu yeroo waggaa 10 keessattiidha; Manni Murtii falmii akkanaa irratti murtii kennu himannaan darbiinsa yerootiin daanga'a moo? Miti? Ijoo jedhu qabatee murteessuuf bu'uura godhachuu kan qabu sababa himannaa falmiif ka'umsa ta'e irratti ta'uu qaba" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraa).

  12. Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaaa Federaalaa lakk Galmee Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e, gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e, dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa (guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite, qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu, fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture (Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).

 
 
 

Recent Posts

See All
የኢትዮጵያ የፍትሐ ብሔር ሕግ አንቀጽ 2084 (የተሽከርካሪዎች ግጭት) የሕግ አተገባበር የአንቀጽ 2084 አጠቃላይ ይዘት

አንቀጽ 2084 ሁለት የሞተር ተሽከርካሪዎች እርስ በእርስ በሚጋጩበት ጊዜ የሚኖረውን የፍትሐ ብሔር ኃላፊነትና የጉዳት ክፍፍል የሚደነግግ ልዩ ድንጋጌ ነው። ድንጋጌው የተሽከርካሪ ባለቤቶች ባላቸው ጥብቅ ኃላፊነት (strict liability) እና በአሽከርካሪዎች ጥፋት (fault) መካከል ያለውን ሚዛን ይጠብቃል። 1

 
 
 
Employment relationship

Decision No. 278483 (Tir 28, 2018 E.C.) Theme of the Dispute The dispute concerns whether an employer-employee contractual relationship existed between the applicant (Physical Risk Solution PLC) and t

 
 
 
ሰበር ሰሚ ችሎት ውሳኔዎች በወንጀል ጉዳይ ሰቶ የነበረው ላይ የተደረገ ዝርዝር የሕግ ትንተና

1. የሰበር መዝገብ ቁጥር 72304 (የውሳኔ ቀን፡ ሰኔ 18 ቀን 2004 ዓ.ም.) የክርክር ርዕሰ ጉዳይ ጉዳዩ *በአንድ የወንጀል ድርጊት ሁለት ጊዜ የመከሰስና የመቀጣትን** (የድጋሚ ቅጣት ክልከላ) ሕጋዊነትን እንዲሁም ለዚህ መሠረታዊ መብት መተግበር መሟላት ያለባቸውን ሕጋዊ መስፈርቶች የሚመለከት ነው። ### አጭ

 
 
 

1 Comment

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
Adem Bakke
Adem Bakke
Jan 03
•
Lady Portia

Best

Like
bottom of page